2 ተሰሎኒቄ 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooNagaa 1 Phaawulos, Silwaanosii fi Ximotewos biraa, gara waldaa warra Tasaloniiqee isa kan Waaqayyoo abbaa fi kan gooftaa Yesus Kristositti caafame*. 2 Waaqayyo abbaan, Yesus Kristos gooftaanis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu*! Waa'ee Firdii Gaafa Kristos Dhufu Kennamuu 3 Yaa obboloota ko, yeroo hundumaa waa'ee keessaniif Waaqayyoon galateeffachuun nu irra jira; amantiin keessan safara malee guddachaa, jaalalli hundumti keessan adda addaan waliif qabdan baay'achaa waan adeemuuf galateeffachuun keenya qajeelaa dha*. 4 Ari'atamuu keessan hundumaatti rakkina baattan keessattis obsaa fi amantii isin qabdaniif nuyi waldoota Waaqayyoo keessatti isiniin of in jajna*. 5 Kana danda'uun keessan immoo firdiin Waaqayyoo qajeelaa ta'uu isaa, isin immoo mootummaa Waaqayyoo isa amma dhiphachaafii jirtan kanaaf kan maltan ta'uu keessan in argisiisa*. 6 Waaqayyo wanta isa duratti qajeelaa ta'e in hojjeta erga ta'ee, warra isin rakkisaniif rakkinaan dugda in baasa*. 7 Isin warra rakkachaa jirtan immoo gaafa gooftaan Yesus ergamoota aangoo isaa wajjin waaqa irraa mul'atu nuyii wajjin kana jalaa isin in baasa*. 8 Gooftichi ibidda boba'aa wajjin in mul'ata; gaafas warra Waaqayyoon beekuu hin barbaadin, warra wangeela gooftaa keenya Yesusiif hin abboomaminis in adaba*. 9 Isaan kun argaa gooftaa duraa, ulfina aangoo isaa duraas fageeffamanii badiisa bara baraatiin in adabamu*. 10 Kunis guyyaa inni qulqulloota isaa keessatti ulfina argachuudhaaf warra isatti amanan hundumaa birattis dinqiitti ilaalamuudhaaf dhufu sanatti raawwatamuuf jira; isinis isa nuyi isinitti dhugaa baane waan amantaniif warra sanatti in lakkaa'amtu*. 11 Kanaafis Waaqayyo keenya waamicha isaaf warra malan akka isin godhatuuf, gaarummaadhaafis hawwa gaarii hundumaa hojii amantiis humna isaatiin fiixaan akka baasuuf yeroo hundumaa isiniif in kadhanna*. 12 Kanaan maqaan gooftaa keenyaa Yesus isin biratti ulfina in argata; isinis akka ayyaana Waaqayyo keenyaatii fi akka ayyaana gooftaa Yesus Kristositti isa biratti ulfina in argattu. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia