Aanlyn Bybel

- Advertensies -

2 ሳሙኤል 6 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Sanduuqa Kakuu Yerusaalemitti Geessuu Isaanii
( 1Sen 13:1-14 ; 15:25–16:6,43 )

1 Daawit ammas Israa'eloota keessaa namoota fo'amoo kuma soddoma walitti in qabe.

2 Daawitii fi namoonni isaa sanduuqa kakuu Waaqayyoo mandara Ba'aalaa ishee Yihudaa keessa jirtu keessaa fuudhanii fiduudhaaf in ka'an; sanduuqi kakuu kun maqaa Waaqayyo gooftaa maccaa isa Kiruubel lamaan gara irraa teessoo isaa irra taa'een waamame*.

3 Isaan sanduuqa kakuu Waaqayyoo mana Abinaadaab isa gaara irra ture keessaa fuudhanii, konkolaataa haaraa tokko irra in kaa'an; ilmaan Abinaadaab Uzaa fi Ahiiyon immoo horii konkolaataa haaraa sana harkisan in oofu turan*.

4 Ahiiyon sanduuqa kakuu Waaqayyoo isa mana Abinaadaabii fuudhanii fidan sana dura in adeema ture.

5 Daawitii fi Israa'eloonni hundinuu immoo Waaqayyo duratti weedduudhaan, sagalee kiraaraatiin, maseenqoodhaan, dibbeedhaan, sibiila <<Kosh kosh>> jettuun, sibiila walitti rukutamee sagalee dhageessisuunis of irraa bu'anii in taphatu turan.

6 Oobdii midhaanii Naakon bira yommuu ga'an immoo, qotiyyoon konkolaataa sana harkisan waan gufataniif, Uzaan sanduuqa kakuu sana qabuudhaaf itti in hiixate.

7 Uzaan sanduuqa kakuu Waaqayyoo safeeffachuu waan dhiiseef, Waaqayyo baay'ee isatti aaree isa in dha'e; kanaaf inni achuma sanduuqa kakuu Waaqayyoo biratti in du'e*.

8 Daawit immoo sababii Waaqayyo badiisa kana Uzaatti fideef in aare; maqaan iddoo sanaas hamma har'aatti iyyuu<<Pherez-Uzaa>> jedhama; [kana jechuun <<Badiisa Uzaa>> jechuu dha.]

9 Yeroo kun ta'etti, Daawit Waaqayyoon sodaatee,<<Attamitti sanduuqa kakuu Waaqayyoo anaaf fiddu ree?>> jedhe.

10 Kanaaf Daawit sanduuqa kakuu sana gara mandara isaatiitti fudhatee galuu waan hin barbaanneef, mana Obed-Edoom nama Gaatitti in jal'ise.

11 Sanduuqi kakuu Waaqayyoo, ji'a sadiif mana Obed-Edoom nama Gaat sana ture; Waaqayyo immoo Obed-Edoomin, maatii isaas guutummaatti in eebbise*.

12 Yommus jarri tokko,<<Waaqayyo sababii sanduuqa kakuu isaatiif maatii Obed-Edoom, wanta inni qabu hundumaas eebbiseera>> jedhanii Daawit mootichatti in himan; kana irratti Daawit dhaqee, sanduuqa kakuu Waaqayyoo mana Obed-Edoom keessaa fuudhee, gammachuudhaan gara mandara Daawititti ol in fide.

13 Warri sanduuqa kakuu baatan akkuma tarkaanfii ja'a adeemaniin, mootichi korma tokkoo fi tuntunoo tokko aarsaa in dhi'eesse*.

14 Daawit dirata fuula duraa isa quncee talbaa irraa hojjetame mudhiitti hidhatee, ulfina Waaqayyootiif of irraa bu'ee in sirba ture*.

15 Akkasitti Daawitii fi Israa'eloonni hundinuu sagalee gammachuu, sagalee fiinoos dhageessisaa, sanduuqa kakuu Waaqayyoo ol in fidan.

16 Yeroo sanduuqi kakuu Waaqayyoo mandara Daawititti galetti, Mikaal intalli Saa'ol karaa qaawwa manaa gad ilaaltee Daawit mootichi ulfina Waaqayyootiif utaalee utuu sirbuu yommuu argite, garaa isheetti isa in tuffatte.

17 Jarri sanduuqa kakuu Waaqayyoo fidanii, dunkaana isa Daawit dhaabe keessa iddoo isaa in kaa'an; kana booddees Daawit, qalma gubamuu fi qalma araaraa Waaqayyoof in dhi'eesse.

18 Daawit, qalma gubamuu fi qalma araaraa sana dhi'eessuu erga raawwatee, maqaa Waaqayyo gooftaa maccaatiin jara in eebbise*.

19 Yommus inni dhiira, dubartii dha utuu hin jedhin, tokkon tokkon guutummaa namoota Israa'eliif buddeena tokko tokko, foon gumaa tokko tokkoo fi bixxillee ija waynii tokko tokko in hirsiise; kana booddee namoonni hundinuu mana mana isaaniitti in galan.

20 Daawit qe'ee isaa ilaaluudhaaf gara mana isaatti yommuu deebi'e, Mikaal intalli Saa'ol isa simachuudhaaf gad itti baatee,<<Mootiin Israa'el har'a akka nama gatii hin qabnetti, utuu hin qaana'in ija xomboreewwan hojjetoota isaa duratti uffata isaa of irraa fuudhuudhaan ulfina attamii argate!>> jetteen.

21 Daawit immoo deebisee Mikaaliin,<<Ani ulfina Waaqayyootiif nan sirbe; inni abbaa kee fi sanyii abbaa keetii dhiisee, ani saba isaa Israa'elin akkan geggeessuuf na fo'ate; kanaaf gammadee ulfina Waaqayyootiif nan sirbe.

22 Ani kana caalaatti iyyuu of nan salphisa, gad deebi'uu koos ija kootiin nan arga; xomboreewwan ati waa'ee isaanii dubbatte kana biratti garuu, ani ulfina qaba>> jedhe.

23 Mikaal intalli Saa'ol immoo utuu dhala hin godhatin in duute.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies