Aanlyn Bybel

- Advertensies -

2 ሳሙኤል 11 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Daawit Jal'inaan Baat-Sheebaa Fuudhuu Isaa

1 Birraa yeroo itti mootonni lolaaf ba'anitti, Daawit mootichi namoota isaaf loltoota Israa'el hundumaa Yo'aabii wajjin lolatti in erge; isaan Amoonota fixanii, mandara Raabaatti in marsan; Daawit garuu mandara Yerusaalem keessatti in hafe*.

2 Gaaf tokko gara galgalaa Daawit iddoo ciisicha isaatii ka'ee bantii mana mootummaa isaatiitti ol ba'ee, asii fi achi utuu adeemuu gad ilaalee, dubartii dhagna dhiqachaa jirtu tokko in arge; isheen baay'ee miidhagduu dha*.

3 Daawit nama tokko waamee ergee, waa'ee dubartittii in qorachiise; namichis deebi'ee,<<Dubartittiin haadha manaa Uriiyaa Heetichaa ti, isheen intala Elii'aam; maqaan ishee<<Baat-Sheebaa>> jedhama>> jedhe.

4 Daawit namoota itti ergee ishee in fichisiise; isheen gara isaa yommuu dhufte, akka seeraatti xuraa'ummaa isheettii of qulleessitee turte; Daawit yommus ishee bira in ga'e; isheenis ergasii gara mana isheetti in deebite*.

5 Dubartittiin yommus ulfooftee,<<Ani siif ulfaa'eera>> jettee Daawititti dhaamsa in ergite.

6 Kana irratti Daawit,<<Mee Uriiyaa Heeticha anaaf ergi!>> jedhee Yo'aabitti nama in erge; Yo'aabis Uriiyaa gara Daawititti in erge.

7 Uriiyaan gara isaa yommuu dhufe, Daawit,<<Yo'aab nagaa dhaa>> Loltoonni nagaa dhaa>> Oduun lolaa attam?>> jedhee isa in gaafate.

8 Daawit kana booddees Uriiyaadhaan,<<Gara mana keetti gad bu'iitii dhagna kee dhiqadhuu dadhabbii ba'i!>> jedheen; Uriiyaan yommus mana mootummaatii gad in ba'e; utuu inni gad bu'uu, mootichi kennaa ba'eessa tokko isa booddeedhaan in erge.

9 Uriiyaan garuu hojjetoota gooftaa isaa wajjin balbala mana mootummaa dura rafe malee, gara mana isaatti gad hin buune.

10 Uriiyaan gara mana isaatti akka gad hin bu'in Daawititti in himan; Daawit kana irratti Uriiyaadhaan,<<Atoo karaadhaa dhuftee maaliif gara mana keetti galuu dhiifte?>> jedhe.

11 Uriiyaan garuu Daawitiin,<<Sanduuqi kakuu Waaqayyoo, namoonni Israa'elii fi namoonni Yihudaa dunkaana keessa jiru; Yo'aab gooftaan koo, hojjetoonni si gooftaa kootiis bakkee keessa buufatanii jiru, ani immoo attamittan nyaachuudhaa fi dhuguudhaaf, haadha manaa koo wajjin rafuudhaafis gara mana kootti gala ree>> Du'a lubbuu keetii ti, ani wanta akkasii kana hin godhu!>> jedhe*.

12 Daawit yommus Uriiyaadhaan,<<Bor sin ergaatii har'a asuma ooli!>> jedhe; Uriiyaan guyyaa sana, borumtaa isaas Yerusaalemin in oole.

13 Uriiyaan ija isaa duratti akka nyaatuuf, akka dhuguufis Daawit isa in waamsise, akka inni machaa'us in godhe; Uriiyaan garuu yommuu galgalaa'e mana mootummaatii gad ba'ee hojjetoota gooftaa isaa wajjin afata isaa irra bule malee, gara mana isaatti gad hin buune.

14 Daawit ganama isaa caaffata Yo'aabiif caafee Uriiyaatti in erge.

15 Caaffanni inni caafe,<<Uriiyaa iddoo lolli baay'ee jabaatee jiru dhaabachiisi! Inni lola sana keessatti rukutamee akka du'utti, achitti isa dhiisii namoota kee wajjin deebi'i!>> jedha*.

16 Yo'aab mandarattiitti yommuu marsisiise, kallattii loltoonni jajjaboonni mandarattii jiran waan beekuuf, Uriiyaa karaa sana in dhaabachiise.

17 Namoonni mandarattii sanaa immoo gad ba'anii Yo'aabin in lolan; loltoota Daawit keessaa namoonni muraasi in ajjeefaman, Uriiyaan Heetichis in du'e.

18 Yo'aab yommus nama ergee oduu lola sanaa guutummaatti Daawititti in himsiise.

19 Namicha Daawititti erge sana,<<Ati oduu lola kanaa guutummaatti mootichatti himtee yommuu fixxu,

20 mootichi aaree in boba'a ta'a, si gaafatas ta'a;<<Isaan loluudhaaf maaliif isin mandarattiitti akkas dhi'aattan>> Masaraa irraan akka isaan xiyya isinitti gad dhiisan hin beektanii ree>>

21 Abiimelek ilma Gidewoon eenyutu rukutee ajjeese>> Dubartii tokkotu masaraa irraan majii daakuu isatti darbattee mandara Tebezitti isa ajjeese mitii ree>> Maaliif masaraa sanatti akkas dhi'aattan?>> jedhee yommuu inni si gaafatu, ati immoo,<<Hojjetaan kee Uriiyaa Heetichis du'eera>> jedhii itti himi!>> jedhee in abboome*.

22 Namichi ergame sunis dhaqee, dubbii isa Yo'aab akka inni dubbatuuf isa abboome hundumaa Daawititti in hime.

23 Namichi Daawitiin,<<Jarri humna nu caalanii mandarattii keessaa gad nutti ba'an; nuyi garuu isaanitti jabaannee, gara karra balbala mandarattiitti isaan in deebifne.

24 Yommus warri iddaa baatan masaraa irraa hojjetoota keetti xiyya gad in dhiisan; namoota kee keessaa kaan in du'an, isaan malees, hojjetaan kee Uriiyaa Heetichis immoo in du'e>> jedhe.

25 Kana irratti Daawit namicha ergamee dhufe sanaan,<<Yo'aabiin,<<Kun hamaa ta'ee sitti hin mul'atin, billaan takka kana fixa, takka sana fixa, kanaaf ati haleelii mandara kana lolii ishee balleessi!>> jedhiitii isa jajjabeessi!>> jedhe.

26 Baat-Sheebaan haati manaa Uriiyaa abbaan manaa ishee akka du'e yommuu dhageesse, isaaf in boosse, in gadditeefis.

27 Yeroon gadda isheetii erga darbee booddee, Daawit nama ergee mana isaatti ishee in fudhate; isheenis haadha manaa isaaf taatee, ilma in deesseef; haa ta'u iyyuu malee, wanti hamaan Daawit godhe kun Waaqayyoon in gaddisiise.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies