Aanlyn Bybel

- Advertensies -

2 ሳሙኤል 10 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Daawit Amoonotatti Duuluu Isaa
( 1Sen 19:1-19 )

1 Takka turee mootiin Amoonotaa duunaan, Hanuun ilmi isaa mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e*.

2 Kana irratti Daawit,<<Nahaash abbaan isaa gaarummaa waan anatti argisiiseef, anis ilma isaa Hanuunitti gaarummaa nan argisiisa>> jedhee, waa'ee du'uu abbaa isaatiif akka isa jajjabeessaniif namoota itti in erge; namoonni Daawit erge gara biyya Amoon in dhufan.

3 Gurguddoonni biyya Amoon immoo Hanuun gooftaa isaaniitiin,<<Daawit namoota ergee si jajjabeessuu isaatiin abbaa keetiif ulfina kennuu isaa sitti fakkaataa>> Daawit mootummaa kee gara galchuudhaaf, akka isaan mandarattii keessa baraniif gaadchisiisuuf isaan erge mitii ree?>> jedhan.

4 Yommus Hanuun namoota Daawit erge sana qabsiisee, areeda isaanii walakkaa gar tokko irraa haadchisee, uffata isaanii mudaa muddiitti irraa cirsiisee isaan in ari'e.

5 Jarreen tokko waa'ee kanaa Daawititti in himan; Daawit immoo sababii yeelloo guddaan namoota sana irra ga'eef, hamma areedni isaanii bibbiqilee guddatuufitti Yerikoo turanii booddee akka galaniif dhaamsa isaanitti in erge.

6 Hanuunii fi warri Amoonotaa Daawitin akka of jibbisiisan yommuu hubatan, erganii mandara Bet-Rehoobii fi mandara Zobaatii loltoota Sooriyaa warra lafoo kuma digdama, mandara Xoobii namoota kuma kudha lama akkasumas immoo mootii Ma'akaa namoota isaa kuma tokko wajjin dugda in bitatan.

7 Daawit immoo kana yommuu dhaga'e, loltoota loluu danda'an hundumaa wajjin Yo'aabin in erge.

8 Warri Amoonotaa gad itti ba'anii karra mandara isaanii duratti loltoota isaanii tarree in galfatan; warri Sooriyaa, warri mandara Zobaatii fi Bet-Rehoobii dhufan, namoonni mandara Xoobii fi namoonni Ma'akaa mootichaa immoo kophaa isaanii bakkee keessa iddoo in qabatan.

9 Yo'aab fuula isaa duraa fi dugda isaa duubaan loltoonni akka isatti qophaa'an yommuu arge, loltoota Israa'el keessaa warra caalan fo'ee, warra Aaram rukutuudhaaf toora in galfate.

10 Warra kaan immoo obboleessi isaa Abiishaayi akka abboomu godhee, Amoonota akka lolaniif toora isaan in galche.

11 Yo'aab yommus obboleessa isaatiin,<<Warri Aaram kun yoo anatti jabaatan, ati ana in gargaarta; warri Amoonotaa yoo sitti jabaatan immoo ani dhufeen si gargaara.

12 Jabaadhu! Saba keenyaaf, mandaroota Waaqayyoo keenyaatiifis jabaannee in lolla! Waaqayyo immoo waan isa duratti gaarii ta'e haa hojjetu!>> jedhe.

13 Yommus Yo'aabii fi loltoonni isaa, warra Aaram loluudhaaf itti in qajeelan; warri Aaram garuu isaan duraa in baqatan.

14 Warri Aaram Yo'aab duraa baqachuu isaanii warri Amoonotaa yommuu argan, isaanis immoo Abiishaayi duraa baqatanii mandarattiitti ol in nam'an; Yo'aab kana irratti Amoonota loluu dhiisee, mandara Yerusaalemitti deebi'ee in gale.

15 Warri Aaram Israa'elootaan akka mo'aman yommuu argan, loltoota isaanii walitti in qabatan.

16 Hadaad-Ezer mootichi ergee warra Aaram warra laga Efraaxiis gama jiran in fichisiise; isaan kun Shofaak ajajaa loltoota Hadaad-Ezeriin geggeeffamanii iddoo <<Helaam>> jedhamu tokko in dhufan.

17 Daawit kana yommuu dhaga'e, loltoota Israa'el hundumaa walitti qabatee Yordaanosin ce'ee gara Helaam in dhaqe; warri Aaram immoo Daawititti qajeelanii loltoota isaanii toora galfatanii isa in lolan.

18 Haa ta'u iyyuu malee, isaan Israa'eloota duraa in baqatan; utuu isaan baqatanii Daawit warra konkolaataa ofan dhibba torba, lafoo kuma afurtama in ajjeese; akkasumas ajajaa loltoota isaanii Shofaakin in rukute, innis achumatti in du'e.

19 Mootonni warri harka Hadaad-Ezer jala turan, Israa'elootaan akka mo'aman yommuu argan, Israa'eloota araara gaafatanii isaanitti in bulan; yeroo sanaa jalqabanii warri Aaram deebi'anii Amoonota gargaaruu in sodaatan.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies