2 ሳሙኤል 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooDaawit Du'uu Saa'ol Mootichaa Dhaga'uu Isaa 1 Saa'ol erga du'ee booddee, Daawit Amaaleqoota rukutee mo'e; achii deebi'ee, mandara Siiqlaag guyyaa lama in taa'e*. 2 Guyyaa sadaffaa isaatti, namni tokko gadda irraa kan ka'e uffata isaa tarsaasee, awwaara mataatti firfirfatee iddoo buufata Saa'ol keessaa gara Daawit in dhufe; namichi yommuu dhi'aate, ulfina Daawitiif hamma lafa ga'utti in qoomma'e. 3 Daawit immoo,<<Ati eessaa dhufte?>> jedhee isa in gaafate; innis deebisee,<<Iddoo buufata namoota Israa'el keessaan baqadhee dhufe>> jedheen. 4 Kana irratti Daawit,<<Maaltu ta'e>> Wanta ta'e anatti himi!>> ittiin jedhe; namichi immoo,<<Loltoonni keenya lafa waraanaatii baqatanii, baay'een isaaniis rukutamanii kukkufanii du'aniiru; Saa'ol mootichii fi Yonaataan ilmi isaa ajjeefamaniiru>> jedhee itti in hime. 5 Daawit yommus,<<Saa'ol mootichii fi Yonaataan ilmi isaa akka du'an ati attamitti beekta?>> jedhee namicha isatti hime sana in gaafate. 6 Namichi oduu kana isatti himes deebisee,<<Ani dhimma utuun hin qabaatin, tulluu Giilbo'aatti ol ba'ee Saa'ol eeboo isaatti hirkatee utuu jiruu, warri konkolaataan adeemanii fi abboonni fardeenii warri isa ari'aa jiran immoo isa qaqqabuuf akka jedhan nan arge*. 7 Saa'ol gara galee yommuu na arge ana in waame; anis,<<Kunoo, asan jira>> nan jedheen. 8 Inni immoo,<<Ati eenyu?>> jedhee na gaafate; anis deebise,<<Ani nama Amaaleq>> nan jedhe; 9 inni immoo,<<Ani laafee du'uudhaaf nan jedha, garuu lubbuun koo ana keessaa ba'uu in didde; kanaaf kottuutii ana ajjeesi!>> naan jedhe. 10 Inni erga kufee booddee jiraachuu akka hin dandeenye waanan beekeefan dhaqee isa ajjeesee, gonfoo mataa isaa irra tureef bitawoo harka isaatti ture ittii baasee si gooftaa kootiif fideera>> jedhe*. 11 Kana irratti Daawit, namoonni isaa wajjin turan hundinuus gadda irraa kan ka'e uffata isaanii of irratti in tarsaasan*. 12 Kana malees Saa'ol, Yonaataan ilmi isaa, loltoonni Israa'el saba Waaqayyoo ta'anis billaadhaan waan dhumaniif, Daawit, namoonni isaa wajjin turanis hamma galgalaatti isaaniif jedhanii in wawwaatan, in boo'an, in sooman*. 13 Daawit ergasii,<<Ati nama eessaa ti?>> jedhee namicha oduu kana isatti hime sana in gaafate; inni immoo,<<Ani ilma nama Amaaleqootatti gale tokkoo ti>> jedhee in deebiseef. 14 Kana irratti Daawit,<<Ati attamitti nama isa Waaqayyo dibee moosise sana harka keetiin ajjeesuudhaaf ija jabaatte?>> jedhee isa in gaafate*; 15 Yommusuma namoota isaa keessaa tokko waamee,<<Dhaqii namicha kana rukutii lafaan dha'i!>> jedhee isa in abboome; kana irratti inni namicha rukutee in ajjeese*. 16 Namichi utuu hin ajjeefamin, Daawit,<<Ati afaanuma keetiin,<<Nama isa Waaqayyo dibee moosise nan ajjeese>> jettee of irratti dhugaa waan baateef, dhiigni kee mataa kee irraa haa barbaadamu!>> jedhee itti in dubbate. Daawit Waa'ee Du'uu Saa'oliif Waa'ee Du'uu Yonaataaniif Faaruu Dhageessisuu Isaa 17 Ergasii Daawit Saa'olii fi Yonaataan ilmi Saa'ol waan du'aniif, 18 akka kanatti fufee jirutti in faarse; namoonni Yihudaa immoo faarfannaa <<Iddaa>> jedhamu kana akka barsiifamaniif in abboome; faarfannaan kun macaafa warra qajeelotaa isa <<Yaashaar>> jedhamu keessatti caafamee jira*. 19 Faarfannichi, <<Ulfina Israa'el warri ta'an, iddoowwan ol ka'oo irraa lafaan in dha'aman; warri jajjaboonnis attam kukkufan! 20 Intaloonni Filisxeemotaa akka hin gammannetti, intaloonni warra dhagna hin qabatiniis akka hin ililchinetti, isin mandara Gaatitti kana hin himinaa! Karaa gurguddaa mandara Ashqalon keessattis kana hin labsinaa! 21 <<Isin yaa tulloota Giilbo'aa, gaachanni warra jajjaboo isin irratti waan xuraa'eef, gaachanni Saa'ol dhadhaa ejersaatiin waan hin dibaminiif, fixeensi yookiis bokkaan isin irratti hin bu'in! Lafti midhaan kennaaf dhi'aatu baasus hin argamin! 22 Iddaan Yonaataan dhiiga namaa utuu hin dhangalaasin, moora warra jajjaboos utuu hin waraanin gad qabamee hin beeku; billaan Saa'olis waa utuu hin rukutin deebi'ee hin beeku. 23 <<Saa'olii fi Yonaataan yommuu jiran, walii wajjin turan, namoonni isaan in jaallatu, isaanitti in gammadus turan; yeroo du'anittis immoo wal irraa gargar hin baane; isaan joobira caalaa fiigu, leencota caalaa jabaatu. 24 <<Isin yaa intaloota Israa'el, Saa'ol isa uffata dhiilgee dhagna namaatti tolu isinitti uffise, uffata keessan warqeedhaan isiniif miidhagseef boo'aa! 25 Namoonni jajjaboonni attam lafa lolaatti kukkufanii du'an! Yonaataan iddoowwan ol ka'oo irraa lafaan in dha'ame in du'e. 26 Yaa Yonaataan obboleessa ko, ani siif nan gadda; baay'ee na mararta turte, jaalalli ati na jaallatte, jaalala dubartootaa caalaa dinqisiisaa ture*. 27 <<Namoonni jajjaboonni attamitti kukkufan! Warri akka mi'a waraanaatti ilaalamanis badaniiru>> jedha. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia