Aanlyn Bybel

- Advertensies -

2 ጴጥሮስ 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Nagaa

1 Ani Simoon Phexros, Yesus Kristosiif hojjetaa, ergamaas ta'ee, warra karaa qajeelina Waaqayyo keenyaaf fayyisaa keenyaa Yesus Kristos amantii gati-jabeessa isuma nuyi arganne sana argataniif caafuu koo ti.

2 Waaqayyoon, gooftaa keenya Yesusinis beekuu bira ga'uu keessaniin ayyaannii fi nagaan isiniif haa baay'atu.


Isa Itti Waamamanii Fo'amanitti Akka Jabaatan Gorsuu Isaa

3 Nuyi, Waaqayyo isa ulfina isaa fi humna isaa isa dinqisiisaadhaan nu waame beekuu bira ga'uudhaan wanta nu barbaachisu hundumaa arganneerra. Gooftaan humna waaqayyummaa isaatiin gara jireenyaatti nu geessuuf, namoota Waaqayyoo nu godhachuudhaaf kana hundumaa nuuf kenneera*.

4 Kennaa kanaan isin badiisa, isa sababii kajeellaa fooniitiif biyya lafaa kana keessa jiru jalaa baatanii, dhagna hafuuraa isa kan Waaqayyoottii hirmaattuu akka taataniif abdiin gati-jabeeyyiinii fi gurguddoonni nuuf kennamaniiru.

5 Ammas dhama'uu hundumaan dhama'aa! Amantii qabdan gaarummaadhaan argisiisaa, gaarummaa keessaan beekumsa argisiisaa*!

6 Itti dabaltanii immoo beekumsa keessaan of qabuu, of qabuu keessaan obsaan danda'uu, obsaan danda'uu keessaan nama Waaqayyoo ta'uu keessan argisiisaa!

7 Nama Waaqayyoo ta'uu keessaan obboloota jaallachuu, obboloota jaallachuu keessaan nama hundumaa jaallachuu argisiisaa*!

8 Wanti kun hundinuu isin irraa argamanii baay'achaa yoo adeeman, gooftaa keenya Yesus Kristosin beekuutti warra dhimma baasan, warra ija godhatanis in taatu*.

9 Namni wanti kun hundinuu irraa hin argamne immoo, nama of irraa butee hin ilaalle, jaamaa dhas; inni cubbuu isaa isa duriittii qulleeffamuu isaa irraanfachuu isaa ti*.

10 Kanaafis obboloota ko, waamamuu keessanitti, fo'amuu keessanittis jabaachuudhaaf caalchisaa dhimmaa! Kana yoo gootan matumaa hin kuftan.

11 Akkasitti mootummaa gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenyaa Yesus Kristos isa bara baraa sanatti galuun isiniif in kennama.

12 Kanaafis utuma isin wanta kana hundumaa beektanii, dhugaa isin bira jiru sanattis utuma jabaattanii, ani waa'ee kanaa yeroo hundumaa isin yaadachiisuuf nan jedha.

13 Dhagna koo isa akka godoo kana keessa hamma ani jirutti, yaadachiisee isin dammaqsuun koo qajeelaa dha jedhee fudhadheera*.

14 Gooftaan keenya Yesus Kristos akka anatti argisiisetti, dhagni koo inni akka godoo kun dafee buqqifamuuf akka jiru ani beeka*.

15 Erga ani godaanee booddee immoo, wanta kana yeroo hundumaa akka isin yaadachuu dandeessan gochuudhaaf nan dhama'a.


Kristos Isa Raajotaan Dubbatame Ulfina Isaa Arguu Isaa

16 Gooftaan keenya Yesus Kristos humni isaa, deebi'ee dhufuun isaas isin biratti akka beekamu yommuu goone, nuyi surraa guddina isaa ija keenyaan arginee beeksifne malee, mammaaksa ogummaadhaan yaadame duukaa buune miti*.

17 Inni Waaqayyo biraa ulfinaa fi guddina yommuu fudhate, sagaleen, ?Kun ilma koo isa ani jaalladhu, isa gammachuun koo itti raawwatamuu dha? jedhu, isa guddicha surra-qabeessa sana biraa dhufeeraaf.

18 Nuyi warri gaara qullaa'aa gubbaatti isaa wajjin turre immoo, sagalee waaqa irraa isaaf dhufe kana dhageenyeerra*.

19 Ammas dubbiin raajonni dubbatan kun caalchisee nuuf cime; isinis hamma boruun baqaqutti, bakkalchi garaa keessan keessa ibsus hamma ba'utti, dubbii kana akka ibsaa iddoo dukkanaatti ibsutti yaadaan duukaa yoo buutan gaarii gochuu keessan.

20 Caalaadhumatti immoo raajiin caaffata qulqullaa'aa akka namni tokko yaada ofii isaatiin kennutti hiikamuun akka hin taane beekuun isin irra jira.

21 Raajii dubbachuun takkaa jaalala namaatiin hin taane; garuu namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies