Aanlyn Bybel

- Advertensies -

2 ዮሀንስ 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Ittiin Lixa

1 Ana isa maanguddicha biraa, haa ga'u gara haadha warraa ishee fo'atamtee fi gara ijoollee ishee, warra ani dhugaadhaan jaalladhu; ana kophaa miti, warri dhugaa hubatan hundinuu isin in jaallatu malee*.

2 Jaalalli kunis, dhugichi inni nu keessatti hafee jiru bara baraan waan nu bira jiraatuuf.

3 Ayyaanni, araarri, nagaanis Waaqayyo abbaa biraa, Yesus Kristos ilma abbaa biraas dhugaatti, jaalalattis nuu wajjin haa ta'u*.


Dhugaa Fi Jaalala

4 Ijoollee kee keessaa kaan, akkuma nuyi abbaa biraa abboomamnetti dhugicha duukaa utuu bu'anii argachuun baay'ee na gammachiise*.

5 Yaa haadha warraa! Abboommii haaraa siif caafuuf miti, garuu nuyi walii keenya akka jaallannu, abboommii isa durii durii jalqabnee qabna turre sana sin yaadachiisa malee*.

6 Jaalala jechuun akka abboommii Waaqayyootti jiraachuu dha; akkasitti akka jiraattaniif, abboommiin jalqabaa jalqabdanii dhageessan isa kana*.

7 Warri nama wallaalchisan, Yesus Kristos fooniin dhufuu isaa amananii warri hin beeksifne, baay'een gara biyya lafaatti ba'aniiru; inni nama wallaalchisu, inni Kristosiin mormus isa akkasiitti*.

8 Of eeggadhaa! Miindaa guutuu akka argattaniif, kanaa achi inni itti dadhabdan hundinuu isin duraa in bada*.

9 Namni barsiisa Kristositti qabamuu dhiisee, kana irra darbee barsiisu, Waaqayyoon of biraa hin qabu; inni barsiisichatti qabamee jiraatu immoo, abbaa, ilmas of biraa qaba*.

10 Namni barsiisa kana hin fudhanne isin barsiisuuf yoo dhufe garuu, mana keessanitti isa hin simatinaa! Nagaa iyyuu isa hin gaafatinaa*!

11 Namni nagaa isa gaafatu, hojii isaa isa hamaattii hirmaachuu isaa ti*.


Ittiin Raawwata

12 Kanan isiniif caafu illee waan baay'ee qaba; garuu gammachuun keenya guutuu akka ta'uuf, qalamiidhaan waraqata irratti isiniif caafuu hin barbaanne. Ani dhufee wal arginee afaaniin isinii wajjin haasa'uu nan abdadha*.

13 Ijoolleen obboleettii kee ishee fo'atamtee nagaa siif dhaamu.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies