Aanlyn Bybel

- Advertensies -

2 ቆሮንቶስ 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Nagaa

1 Ani Phaawulos fedha Waaqayyootiin ergamaa Kristos Yesus kanan ta'e, Ximotewos obboleessaa wajjin, gara waldaa Waaqayyoo isa mandara Qorontos jiruuf, gara warra guutummaa kutaa biyya Akaayyaa keessaa Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaatti kana caafuu koo ti*.

2 Waaqayyo abbaan keenya gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu*!


Waaqayyoof Galata Dhi'eessuu Isaa

3 Waaqayyoof, abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos, abbaa araara hundumaaf, Waaqayyo jajjabina hundumaaf galanni haa ta'u*!

4 Jajjabina isa Waaqayyo biraa arganne sanaan, nuyi immoo rakkina attamii keessatti iyyuu warra kaan akka jajjabeessinuuf, inni rakkina keenya hundumaa keessatti nu in jajjabeessa*.

5 Dhiphina Kristos keessaa hammana kan hin jedhamne akkuma hirmaanne akkasuma karaa Kristos jajjabina isaa keessaa hammana kan hin jedhamne in hirmaanna*.

6 Rakkina keenya yoo ta'e, jajjabina keessaniif, oolfamuu keessaniif ta'a; jajjabina keenyas yoo ta'e, isiniifis immoo jajjabina; jajjabina kanaan sanyii dhiphina isa nuyi baannu, obsaan akka baattaniif isin in dandeessisa*.

7 Isin dhiphina keenya irraa akkuma hirmaattan akkasuma jajjabina keenya irraas akka hirmaattan waan beeknuuf, abdiin nuyi waa'ee keessaniif qabnu hin socho'u.

8 Yaa obboloota ko, rakkinni kutaa biyya Asiyaa keessatti nu irra ga'e attam akka ture, akka beektan in jaallanna; rakkinni sun hamma nuyi baachuu dadhabnutti safara malee ulfaataa waan ta'eef, jireenyatti hafuu keenyaaf iyyuu abdii kutannee turre*.

9 Akka waan firdiin du'aa nutti faradametti, nutti dhaga'amee ture; garuu nuyi, Waaqayyo isa warra du'an kaasu duwwaa malee, ofii keenya akka hin amananneef kun ta'e.

10 Waaqayyo sodaachisa du'aa, isa akkasii keessaa nu oolcheera, nu oolchuufis jira; amma iyyuu deebi'ee akka inni nu oolchuuf abdii keenya isa irra kaa'anneerra*.

11 Isinis waa'ee kanaaf nuuf kadhachuu keessaniin nu gargaaruu in dandeessu; namoonni baay'een gaarummaa inni ittiin nu oolche kanaaf, nuuf jedhanii Waaqayyoof galata guddaa in galchu*.


Akeeka Isaa Geddaruu Isaa

12 Jireenya nuyi biyya lafaa kana keessa ittiin jiraanne, caalaatti immoo akki nuyi garaa dhokfannaa malee, gowwoomsaa malees isinii wajjin itti jiraanne, Waaqayyo biraa ta'uu isaa yaadni garaa keenyaa waan dhugaa nuuf ba'uuf, waan ittiin of jajannu argachuu keenya; kunis ayyaana Waaqayyootiin malee, ogummaa biyya lafaatiin miti*.

13 Waan isin dubbiftanii hubachuu dandeessan malee, nuyi wanta kan biraa isiniif hin caafne; guutummaatti akka hubachuuf jirtan nan abdadha.

14 Amma gar tokkoo isaa yoo nuuf hubattan iyyuu, guyyaa gooftaa Yesusitti akkuma nuyi isiniin of jajuu dandeenyu, isinis nuyiin akka of jajjanitti, guutummaatti nu hubachuuf jirtu*.

15 Kun akka ta'u waanan amaneef, ayyaana Waaqayyoo si'a lama akka argattaniif, dura gara keessan dhufuuf akeekeen ture.

16 Utuun kutaa biyya Maqedooniyaa hin dhaqin dura, karaa keessan darbee isin argee, Maqedooniyaadhaa yeroon dhufus gara keessanitti deebi'ee, isin immoo gara kutaa biyya Yihudaatti yommuun darbu na gargaartu*.

17 Akeeka kana, ?Hin dhibu? jedheen salphaatti baafadhee ree? Yookiis akeeka koo yeroon baafadhu akkuma namni biyya lafa kanaa tokkichumaan ?Eyyee? jedhe, yommusuma immoo ?Waawuu? jedhuttan akeekkadhaa ree*?

18 Akka amanamummaan Waaqayyoo dhugaa ta'e, akkasuma dubbiin ani isinitti dubbadhu ?Eyyee?, ?Waawuu? jechuudhaan kan gara gaggalu miti*.

19 Yesus Kristos, ilmi Waaqayyoo, inni Silwaanosiin, Ximotewosii fi anaan isin gidduutti lallabame, ?Eyyee fi? ?Waawuudhaan? gara hin gaggalle; isa bira yeroo hundumaa ?Eyyeetu? jira*.

20 Abdiin Waaqayyoo hundinuu karaa Kristos ?Haa ta'u? jedhamanii in raawwatamu; kanaaf nus karaa isaa ?Ameen? jennee Waaqayyoof galata in galchina*.

21 Isinii wajjin jabeessee kan nu dhaabe, hojii kanaafis kan nu dibe Waaqayyoo dha*.

22 Milikkita kan isaa ta'uu keenyaas nutti mallateesseera; qabsiisa garaa keenya keessa kaa'annus hafuura isaa nuuf kenneera*.

23 Ani garuu isin qusachuudhaaf gara Qorontos dhufuu dhiisuu koo Waaqayyo in beeka; kanas Waaqayyo dhugaa ana irratti haa baasu*!

24 Isin amantiitti jabaattanii waan dhaabattaniif, isin gammachiisuudhaaf isinii wajjin hojjenna malee, nuyi amantii keessan irratti gooftummaa argisiifna jennee miti*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies