Aanlyn Bybel

- Advertensies -

1 ጢሞቴዎስ 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Nagaa

1 Ani Phaawulos, abboommii Waaqayyoo fayyisaa keenyaa fi Kristos Yesus abdii keenyaan ergamaa Kristos Yesus kanan ta'e*,

2 gara Ximotewos isa dhuguma amantiidhaan ilma koo ta'eetti caafuu koo ti. Waaqayyo abbaan, Kristos Yesus gooftaan keenyas ayyaana, araara, nagaas siif haa kennu*.


Barsiisa Sobaa Irraa Of Eeggachiisuu Isaa

3 Yeroon Maqedooniyaa dhaquuf ka'e akkuman si gorsee ture, namoonni tokko tokko barsiisa biraa akka hin barsiifne akka dhowwituuf, mandara Efesoon turuu kee nan barbaada*.

4 Mammaaksa amantii eeguu, hidda qomoo isaanii isa dhuma hin qabne lakkaa'uus akka dhiisan godhi! Wanti isaan godhan kun falmaa duwwaa kaasuu malee, akeeka Waaqayyoo isa amantiidhaan fudhatamu sanaaf hin hojjetu*.

5 Nuyi garuu barsiisa biraa sana dhowwine, jaalala garaa qullaa'aa keessaa, yaada garaa hin boora'in keessaa fi amantii gowwoomsaa hin qabne keessaa ba'u dammaqsuudhaaf in barsiifna*.

6 Namoonni gar tokko isaan kana irraa kaatanii, gara falmaa waa'ee hin baafneetti galaniiru*.

7 Isaan kun waan ofii dubbatan yookiis waa'ee isa cimsanii dubbatan sanaa utuu hin hubatin, barsiisota seerichaa ta'uu in barbaadu.

8 Namni akka ta'utti yoo ittiin hojjete, seerichi gaarii akka ta'e nuyi in beekna*.

9 Namichi sun, seerri nama qajeelaadhaaf akka hin tumamin in beeka; garuu warra seera malee jiraataniif, warra hin abboomamneef, warra Waaqayyo malee jiraataniif, warra cubbamootaaf, warra karaa qulqulluu irraa jal'ataniif, warra wanta qulqullaa'aadhaan mormaniif, abbootaa fi haadhota warra ajjeesaniif, warra gumaaf*,

10 warra halaleedhaaf, warra nama gadhoomsaniif, warra nama butaniif, warra sobduudhaaf, warra kakaa sobaa kakataniif, kan biraas yoo jiraatan warra barsiisa sirriidhaan mormaniif tumame*.

11 Barsiifni sirriin kun immoo wangeela isa waa'ee ulfina Waaqayyoo eebbifamaa dubbatuu dha; inni akkan isa lallabuuf hadaraa anatti kennameera*.


Araara Waaqayyoof Galateeffachuu Isaa

12 Ani, Kristos Yesus gooftaa keenya isa hojii koo kanaaf humna anaaf kenne kana, ?Amanamaa dha? jedhee hojii isaa irra na dhaabuu isaatiif nan galateeffadha*.

13 Dur illee ani maqaa balleessaa, ari'achaa, humnaan nama irratti ka'aan ture; garuu amanuu koo dura wallaalummaatti waanan kana godheef, inni araara anaaf buuse*.

14 Ayyaanni gooftaa keenyaas amantii fi jaalala Kristos Yesusiin argamanii wajjin, guutee irra anaaf dhangala'eera*.

15 Dubbiin, ?Kristos Yesus cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe? jedhu, amanamaa dha; guutummaatti fudhatamuunis in ta'aaf; warra cubbamootatti lakkaa'aman sana keessaa immoo ani isa duraa ti*.

16 Haa ta'u iyyuu malee, Yesus Kristos ana isa cubbuutti isa duraa ta'e kana keessaan obsa isaa guutummaatti akka mul'isutti, warra jireenya bara baraatiif isatti amananiif fakkeenya akka ta'uuf, ani araara argadheera.

17 Mootii bara baraa isa hin duune, isa ijaan hin argamne, Waaqayyo tokkicha sanaaf baruma baraan ulfinnii fi guddinni haa ta'u! Ameen*.

18 Ximotewos, ilma ko! Akka dubbii raajii waa'ee keetiif dubbatame sanaatti, gaarii gootee akka loltuuf abboommii kana hadaraa sitti nan kenna*.

19 Kanaafis amantii, yaada garaa qullaa'aas qabaadhu! Namoonni tokko yaada garaa isaanii tuffachuu isaaniitiin amantii isaanii akka caccabaa markabaatti hurreessaniiru*.

20 Himnewosii fi Iskindir, jara kana keessa jiru; ani immoo, Waaqayyoon arrabsuu dhiisuu akka baraniif, adaba harka Seexanaatti dabarsee isaan kenneera*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies