1 ተሰሎኒቄ 5 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooDeebi'ee Dhufuu Gooftaaf Akka Qophaa'aniif Gorsuu Isaa 1 Yaa obboloota ko! Waa'ee barichaa fi waa'ee yerichaa garuu isiniif caafuun barbaachisaa miti*. 2 Guyyaan gooftaa akka hattuun halkan dhuftutti akka dhufu isin iyyuu ba'eessa gootanii in beektu*. 3 Namoonni, ?Nagaa dha, gabii dhas? utuma jedhanii, badiifni itti hin yaadamin akka ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra in ga'a; kana jalaa ba'uunis hin jiru*. 4 Obboloota nana, isin garuu dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuutti isin irra ba'uu hin danda'u. 5 Isin hundumti keessan ilmaan ifaa ti, ilmaan guyyaa tis; nuyi warra halkanii yookiis warra dukkanaa miti*. 6 Egaa kottaa in dammaqna, of in qabnas malee, akka warra kaanii rafuu in dhiifna*! 7 Warri rafan halkan in rafu, warri machaa'anis halkan in machaa'u. 8 Nuyi garuu warra guyyaa erga taanee of in qabna, maddaa sibiilaa isa kan amantii fi jaalalaa in uffanna, abdii fayyinaas akka gonfoo sibiilaatti mataatti in kaa'anna*. 9 Waaqayyo karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos fayyina akka argannuuf malee dheekkamsaaf yaadee nu hin qopheessine*. 10 Nuyi warri jireenyatti jirrus, warri obbaafannes jireenya isaa akka qabaannuuf, Kristos nuuf du'e*. 11 Kanaaf akkuma amma gochaa jirtan, wal jajjabeessaa, wal cimsaas*! Gara Dhumaatti Gorsee Nagaa Dhaamuu Isaa 12 Obboloota nana, warra isin gidduutti hojiitti dadhaban, karaa gooftaas warra isin geggeessanii fi isin gorsan ulfinaan akka ilaaltan isin in kadhanna*. 13 Sababii hojii isaaniitiifis herregaa jaalalaatiin baay'ee ol isaan qabaa; walii keessan gidduuttis nagaa qabaadhaa*! 14 Obboloota nana, warra hojii hojjechuu dhiisan gorsitanii akka qajeelchitan, warra garaan isaanii sodaate akka toosiftan, warra dadhabaniif akka yaaddan, namoota hundumaafis akka dandeessan isin in gorsina*. 15 Yeroo hundumaa walii keessaniif, namoota hundumaafis gaarii gochuu yaadaa malee, namni tokko illee waan hamaadhaaf hamaa akka hin deebifne ilaaladhaa*! 16 Yeroo hundumaa gammadaa*! 17 Kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa*! 18 Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa! Waaqayyo karaa Kristos Yesus kana gochuu keessan in fedha*. 19 Hafuura qulqulluu hin ukaamsinaa! 20 Wanta Waaqayyo namatti mul'isee himsiisu hin tuffatinaa*! 21 Garuu waan hundumaa qoraa, isa gaarii jabeessaatii qabadhaa*! 22 Waanuma hamaa ta'e dhiisaa! 23 Waaqayyo inni nagaa namaaf kennu guutummaatti ofii isaatiif isin haa qulqulleessu; yeroo dhufa gooftaa keenyaa Yesus Kristosittis hafuura keessan, lubbuu keessan, foon keessanis fayyaatti mudaa akka hin godhannettis haa eegu*! 24 Inni isin waame amanamaa waan ta'eef, kana in godha*. 25 Obboloota ko, nuufis kadhadhaa*! 26 Yaada qulqullaa'aadhaan dhudhungachuudhaan obboloota hundumaa nagaa gaafadhaa*! 27 Hadaraa gooftaa, ergaan kun obboloota hundumaaf haa dubbifamu*! 28 Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos isinii wajjin haa ta'u*! |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia