1 ተሰሎኒቄ 4 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooJireenya Waaqayyoon Gammachiisu Jiraachuu 1 Obboloota nana! Kana irraa kan hafe immoo Waaqayyoon gammachiisuudhaaf attamitti jiraachuun akka isin irra jiru barumsa nu irraa argattaniittu; akkuma amma itti jirtan iyyuu caalchiftanii akka itti fuftan maqaa Yesus gooftaatiin isin in kadhanna, isin in gorsinas*. 2 Waan gochuun isiniif ta'u maqaa gooftaa Yesusiin gorsa akka isiniif kennine in beektu*. 3 Waaqayyo halalummaa irraa fagaattanii qulqullummaatti jiraachuu isin irraa in fedha*. 4 Dhiirri adduma addaan haadha manaa qabaatee qullaa'ummaa fi ulfinatti dhagna isaa eeggachuu haa beeku*! 5 Akka saba warra kaanii warra Waaqayyoon hin beeknetti kajeellaa dhagnaatti, hawwasaattis of hin kenninaa*! 6 Egaa namni kana irra darbee dubbii kanatti hiriyaa isaa hin gowwoomsin; gooftaan warra balleessaa akkasii hojjetan in adaba jennee duraan dursinee isinitti himneerra, dhugaa isinitti baaneerras*. 7 Xuraa'ummaatti utuu hin ta'in, qullaa'ummaatti akka jiraannuuf Waaqayyo nu waame*. 8 Egaa namni gorsa kana tuffatu, Waaqayyoon isa hafuura isaa qulqulluu isiniif kennu tuffata malee, nama tuffata miti*. 9 Waa'ee obboloota jaallachuu immoo isiniif caafuun barbaachisaa miti; wal jaallachuun akka isin barbaachisu Waaqayyo isin barsiiseera*. 10 Isinis kanuma duukaa buutanii obboloota guutummaa kutaa biyya Maqedooniyaa keessa jiran hundumaa in jaallattu; ammas immoo caalchiftanii akka itti fuftan isin in gorsina, yaa obboloota ko*. 11 Akkuma nuyi dur isinitti himnetti jireenya gabii jiraachuu, maayii keessan dhimma baafachuu, waan ittiin jiraattan argachuudhaaf harka keessaniin itti dadhabdanii hojjechuu ulfinatti lakkaa'adhaa*! 12 Akkasitti yoo jiraattan warra alaa biratti ija ulfinaatiin in ilaalamtu; waan isin barbaachisuufis harka nama tokkoo iyyuu hin eeggattan*. Waa'ee Deebi'ee Dhufuu Gooftaa Dubbachuu Isaa 13 Obboloota nana! Akka namoota abdii hin qabnetti akka hin gaddinetti, waa'ee warra obbaafataniif abdii jiru akka beektan in barbaanna*. 14 Yesus du'ee du'aa akka ka'e erga amannee akkasuma immoo Waaqayyo warra obbaafatan karaa Yesus, isumaa wajjinis deebisee akka fidu in amanna*. 15 Nuyi amma dubbii gooftaa keessaa waan arganne isinitti himuuf jenna; nuyi warri gaafa gooftaan deebi'ee dhufu utuu hin du'in jirru, warra obbaafatan dura hin buunu*. 16 Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga'ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu'a; warri Kristositti amananii du'an dura in kaafamu*. 17 Kana booddee nuyi warri utuu hin du'in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol in butamna; ergasii yeroo hundumaa gooftaa bira in jiraanna*. 18 Kanaafis dubbii kanaan wal jajjabeessaa! |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia