1 ተሰሎኒቄ 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooNagaa 1 Phaawulos, Silwaanosii fi Ximotewos biraa, gara waldaa warra Tasaloniiqee isa kan Waaqayyoo abbaa fi kan gooftaa Yesus Kristositti caafame. Ayyaannii fi nagaan isiniif haa ta'u*! Jireenyaa Fi Amantii Warra Tasaloniiqee 2 Nuyi kadhata keenya keessatti maqaa keessan dhoofnee, yeroo hundumaa waa'ee hunduma keessaniif Waaqayyoon in galateeffanna*. 3 Fuula Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenyaa duratti hojii amantii keessanii, jaalalaaf dadhabuu keessan, gooftaa keenya Yesus Kristosin abdachuutti jabaachuu keessanis in yaadanna*. 4 Obboloota nana! Waaqayyo akka isin jaallate akka isin fo'ates nuyi in beekna*. 5 Wangeelli nuyi isiniif lallabne humnaan, hafuura qulqulluudhaan akkasumas amansiisa guutuudhaan malee, sagalee duwwaadhaan gara keessan hin dhufne; nuyi immoo sababii keessaniif namoota attamii taanee akka isin gidduu turre in beektu*. 6 Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya gooftaa duukaa buutaniittu; yoo baay'ee rakkattan iyyuu, gammachuu hafuura qulqulluu biraa dhufuun dubbicha fudhattaniittu*. 7 Kanaan isinis amantoota warra Maqedooniyaa fi, warra Akaayyaa hundumaaf fakkeenya taatan*. 8 Dubbiin gooftaa inni isin biraa ka'e Maqedooniyaa fi Akaayyaa duwwaatti dhaga'ame miti; amantiin isin Waaqayyotti qabdan iddoo halletti ba'ee barameera; waa'ee kanaafis waan jechuun nu barbaachisu tokko illee hin jiru*. 9 Nuyi attamitti akka isin gidduutti simatamne isinis Waaqayyo isa jiraataa fi isa dhugaadhaaf hojjechuuf attamitti waaqayyolii tolfaman irraa gara Waaqayyootti akka deebitan isaan ofuma isaaniitii iyyuu in himu*. 10 Deebi'uun keessanis ilma isaa isa waaqa irraa dhufu, isa inni warra du'an keessaa kaase Yesus isa dheekkamsa dhufu jalaa nu oolchu eeggachuudhaaf*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia