1 ሳሙኤል 31 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooSaa'ol Of Ajjeesuu Isaa ( 1Sen 10:1-12 ; 2Sam 1:4-12 ) 1 Baras Filisxeemonni Israa'eloota in lolan; namoonni Israa'elis fuula isaanii duraa utuu baqatanii, baay'een tulluu Giilbo'aa irratti waraanamanii in dhuman. 2 Filisxeemonni Saa'olii fi ilmaan isaa sadan duukaa bu'anii ari'anii, Yonaataan, Abinaadaabii fi Malkiishuwaa billaadhaan in ajjeesan*. 3 Lolli kunis Saa'ol irratti in cime; warri iddaadhaan xiyya darbatan yommuu isa argatanitti guddaa isa in madeessan. 4 Saa'olis namicha isa mi'a lolaa baatuuf sanaan,<<Warri dhagna hin qabatin kun dhufanii, ana keessa baasanii akka anatti hin taphannetti, ati billaa kee luqqifadhuutii ana keessa baasi!>> jedhe; namichi mi'a lolaa baatuuf sun garuu baay'ee waan sodaateef, kana gochuu hin barbaanne; yommus Saa'ol billaa ofii isaatii fudhatee itti of in dire*. 5 Namichi mi'a lolaa isaaf baatu sunis, du'uu Saa'ol yommuu arge, innis billaa ofii isaatiitti of diree isaa wajjin in du'e. 6 Akkasitti Saa'ol, ilmaan isaa sadan, namichi mi'a lolaa baatuuf akkasumas namoonni isaa hundinuu gaafas waluma duukaa in dhuman. 7 Israa'eloonni dachaa sana gama, Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu jiranis loltoonni isaanii akka baqatan, Saa'olii fi ilmaan isaa akka dhuman yommuu argan, isaanis mandaroota isaanii dhiisanii in baqatan; Filisxeemonni immoo dhufanii mandaroota sana in qabatan. 8 Borumtaa isaa Filisxeemonni warra ajjeesan sana irraa mi'a yaafachuu dhaqanii, reeffa Saa'olii fi reeffa ilmaan isaa sadanii tulluu Giilbo'aa irratti in argan. 9 Yommus isaan mataa Saa'ol irraa muranii, mi'a lolaa isaa irraa yaafatanii, galma waaqayyolii tolfamoo isaanii keessatti, saba isaaniittis oduu gaarii kana himuudhaaf, guutummaa biyya Filisxeemotaa keessa in naannessan*. 10 Mi'a lolaa isaa galma Ashtaarot waaqayyittii tolfamtuu keessa kaa'anii, reeffa isaa immoo dallaa mandara Bet-Shaanitti in cinqaarsan*. 11 Warri Yaabesh Giil'aad keessa jiraatan wanta Filisxeemonni Saa'ol irratti hojjetan yommuu dhaga'an*, 12 loltoonni isaanii warri jajjaboonni ka'anii, halkan guutuu adeemanii reeffa Saa'olii fi reeffa ilmaan isaa sadanii dallaa Bet-Shaan irraa fuudhanii, gara Yaabesh dhufanii achitti isaan in guban. 13 Kana booddee lafee isaanii fuudhanii Yaabesh keessatti muka lafa onaa tokko jalatti awwaalanii, ofii isaaniitii guyyaa torba in sooman*. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia