Aanlyn Bybel

- Advertensies -

1 ሳሙኤል 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Elqaanaa Fi Maatiin Isaa Gara Shiilootti Ol Ba'uu Isaanii

1 Biyya gaaraa isa kan Efreem gubbaa mandara <<Raamataayim-Zofiim>> jedhamu keessa namichi<<Elqaanaa>> jedhamu tokko ture; inni ilma Yerohaam, ilma Eliihuu, ilma Tohuu, ilma Zuuf nama Efraataa ti*.

2 Elqaanaan dubartoota lama qaba ture; maqaan ishee tokkoo <<Haannaa>>, kan ishee kaanii immoo <<Phiniinaa dha>>; Phiniinaan ijoollee qabdi, Haannaan garuu hin qabdu turte*.

3 Elqaanaan waggaa waggaatti Waaqayyo gooftaa maccaatiif sagaduudhaaf, aarsaas dhi'eessuudhaaf mandara isaatii gara Shiilootti ol in ba'a ture; Shiiloon kun iddoo itti Hofnii fi Fiinehaas ilmaan Elii lamaan luboota ta'anii Waaqayyoof hojjechaa turanii dha*.

4 Elqaanaan yeroo aarsaa qalmaa dhi'eessu hundumaatti haadha manaa isaa Phiniinaadhaa fi ilmaan isheetiif, intaloota isheetiifis foon dhi'aatu sana irraa qooda isaanii in kennaaf ture.

5 Waaqayyo akka Haannaan dhala hin godhanne yoo godhe iyyuu, Elqaanaan sababii ishee jaallatuuf ga'aa ishee harka lama in kennaaf ture.

6 Waaqayyo akka Haannaan dhala hin godhanne waan godheef, Phiniinaan masaanuun ishee ishee aarsuuf tuttuqxee in duchiifte.

7 Kunis waggaadhaa gara waggaatti ittuma in fufe; yeroo isheen gara mana qulqullummaatti ol baatu hundumaatti masaanuun ishee hamma isheen boossee midhaan lagattutti ishee in tuttuqxi turte;

8 Elqaanaan abbaan manaa ishee,<<Yaa Haannaa! Maaliif boossa>> Maaliif garaan kee akkana gadda>> Maaliifis midhaan hin nyaattu? Dhugumaan ani ilmaan kudhan irra siif hin wayyuu ree?>> jedhee ishee in gaafate.


Haannaan Waaqayyoon Kadhachuu Ishee

9 Gaaf tokko Shiiloo utuu jiranii nyaatanii erga dhuganii booddee, Haannaan kaatee in dhaabatte; Eliin lubichi garuu michichila balbala godoo qulqullaa'aa isa kan Waaqayyoo bukkee barcuma irra in taa'a ture.

10 Haannaan garaa isheetti guddaa gadditee, mararamtee boo'aa Waaqayyoon in kadhatti turte.

11 Yeroo sanatti isheen,<<Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, rakkina ana garbittii keetii ilaaltee yoo na yaadatte, yoo na irraanfachuu dhabaatte, mucaa ilmaas yoo anaaf kennite, ani immoo mucicha guutummaa bara jireenya isaatiitti siif nan kenna; qarabaanis mataa isaa irra hin ga'u>> jettee in wareegde*.

12 Haannaan ittuma fuftee kadhachaa yeroo turtetti Eliin totocho'a afaan isheetii in caqasa ture.

13 Sababii Haannaan garaa ishee keessatti kadhattuuf, hidhii ishee duwwaatu totocho'a malee, sagaleen ishee hin dhaga'amu ture; Eliin kana irratti in machoofte ishee se'ee,

14 dubartittiidhaan,<<Ati hamma yoomiitti macoofta>> Daadhii waynii kana dhaqii of keessaa baasi!>> jedheen.

15 Haannaan garuu deebifteefii,<<Waawuu, yaa gooftaa ko, ani daadhii waynii yookiis dhugaatii macheessu hin dhugne; ani dubartii garaan ishee baay'ee gaddee dha; kanaafan kadhata kootiin gadda garaa kootii Waaqayyo koo duratti dhangalaafadha.

16 Sababii gaddii fi aariin anatti baay'ateefan hamma ammaatti dudubbachaa jira, kanaaf ana garbittii kee akka dubartii waa'ee hin baafneetti hin lakkaa'in!>> jetteen.

17 Kana irratti Eliin,<<Nagaadhaan dhaqi! Waaqayyo inni kan Israa'el waan ati isa kadhatte siif haa kennu!>> jedheen.

18 Isheen immoo,<<Faara tolaadhaan ana garbittii kee ilaali!>> jettee, karaa ishee irra in buute; nyaatas in nyaattee, deebites nyaara hin guurre.


Saamu'el Dhalatee Waaqayyoof Addaan Baafamuu Isaa

19 Borumtaa Elqaanaa fi maatiin isaa ganama obboroodhaan ka'anii Waaqayyoof in sagadan; gara Raamaatti deebi'anii mana isaaniitti in galan; Elqaanaan haadha manaa isaa Haannaa bira yommuu ga'etti Waaqayyo ishee in yaadate*.

20 Kanaaf isheen ulfooftee yeroon isaa geenyaan ilma deesse;<<Isa argachuuf ani Waaqayyoon kadhadheera>> jettee, maqaa isaa Saamu'elitti in moggaafte.

21 Elqaanaan maatii isaa hundumaa fudhatee, aarsaa waggaa Waaqayyoof dhi'eessuudhaaf wareega isaas baasuudhaaf ol in ba'e.

22 Haannaan garuu isaanii wajjin ol hin baane; isheen abbaa manaa isheetiin,<<Ani yommuu mucichi harma gu'u fidee, Waaqayyo duratti isa nan dhi'eessa; innis guutummaa bara jireenya isaatiitti achi in jiraata>> jette.

23 Elqaanaan abbaan manaa ishee,<<Waanuma gaarii sitti fakkaate godhi! Hamma mucicha harma guuftuttis mana turi! Waaqayyo wanta dubbate fiixaan haa baasu!>> jedheen; Haannaanis hamma ilmi ishee harma gu'utti hoosisuudhaaf manatti in hafte.

24 Erga harma guuftee, tuntunoo waggaa sadii tokko, daakuu akka kiilo graamii digdamii lamaa fi daadhii waynii huubboo tokko fudhattee, mucaa ishee gara Shiiloo iddoo godoon qulqullaa'aan inni kan Waaqayyoo jirutti in geessite; yommus Saamu'el mucaa xinnaa ture*.

25 Isaan achi ga'anii tuntunicha erga qalanii booddee, mucicha gara Elii lubichaatti in geessan.

26 Yommus Haannaan lubichaan,<<Yaa gooftaa ko, du'a lubbuu keetii ti, dubartittiin as si bira dhaabattee Waaqayyoon kadhachaa turte sun, ana.

27 Ani mucaa argachuudhaaf isa kadhadheen ture, innis waanan isa kadhadhe anaaf in kenne.

28 Kanaaf ani immoo mucicha galchii godhee Waaqayyoof nan kenna; innis guutummaa bara jireenya isaatiitti Waaqayyoof in kennama>> jette; achittis Waaqayyoof in sagadde.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies