1 ጴጥሮስ 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan OromooNagaa 1 Ani Phexros ergamaan Yesus Kristos kana caafuu koo ti. Haa ga'u gara warra fo'amanii, isaanis warra biyyaa baafamanii kutaa biyya Phonxositti, Galaatiyaatti, Qaphadooqiyaatti, Asiyaatti akkasumas Bitiiniyaatti tamsa'anii jiranii*. 2 Isin akka akeeka Waaqayyoo abbaatti, Yesus Kristosiif abboomamuuf, dhiiga isaatiinis qulleeffamuuf, hafuura qulqulluudhaan qulqulleeffamtanii fo'amtaniittu. Ayyaannii fi nagaan isiniif haa baay'atu*! Abdii Jiraatu Akka Qaban Yaadachiisuu Isaa 3 Waaqayyoo fi abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristosiif galanni haa ta'u! Inni araara isaa isa guddaadhaan, Yesus Kristos warra du'an keessaa ka'uu isaatiin, abdii isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera*. 4 Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebi'aa hin adeemnes, isa waaqa keessatti isiniif eegamee jirutti darbitanii akka fudhattan godheera*. 5 Kunis, isin warra, karaa amantii fayyina bara booddeetti mul'achuuf qophaa'ee taa'u sanaaf, humna Waaqayyootiin eegamtanii jirtaniif in ta'a*. 6 Amma yeroo gabaabduudhaaf qorama garaa garaatiin gaddisiifamuun keessan kan hin oolle yoo ta'e iyyuu, isa sanatti immoo baay'iftanii in gammaddu*. 7 Warqeen inni baduuf jiru iyyuu ibiddaan in qorama; amantiin keessan inni warqee caalaa gati-jabeessi immoo, guyyaa Yesus Kristos itti mul'achuuf jiru sanatti, jajamee guddinaa fi ulfina akka argatutti qoramee in ilaalama*. 8 Isin isa mul'achuuf jiru sana hin argine yoo ta'e iyyuu, isa in jaallattu; amma yoo isa arguu dhabaattan iyyuu, isatti in amantu akkasumas gammachuu akkas jedhamee hin dubbatamneef, gammachuu ulfina guddaa qabuun in gammaddu*. 9 Fayyina lubbuu keessanii, isa amantiin keessan bira ga'uudhaaf akeekkachaa jiru argachuuttis in gammaddu*. 10 Raajonni warri waa'ee ayyaana isiniif kennamuuf ture sanaa raajii dubbatan, fayyina kana barbaadanii waa'ee isaa qoratan*. 11 Isaan waa'ee dhiphina Kristosin argatuu, waa'ee ulfina booddeedhaan isaaf dhufuuf jiruu, duraan dursanii yeroo dubbatan, hafuurri Kristos inni isaan keessa ture, gara nama attamii yookiis yeroo attamii akka inni argisiisaa ture in qoratan*. 12 Wanti isaan hojjechaa turanis mataa isaaniif utuu hin ta'in, isiniif akka ture mul'ifameera*. Kunis hafuura qulqulluu isa waaqa irraa ergameen, amma karaa warra wangeela lallabanii, isinitti himame; kana immoo ergamoonni Waaqayyoo iyyuu keessa lixanii ilaaluu in hawwu turan*. Gara Jireenya Qulqullaa'aa Jiraachuutti Waamuu Isaa 13 Kanaaf mudhii yaada keessanii jabeeffadhaa, warra of qaban ta'aa, abdii keessan guutummaatti ayyaana isa yeroo Yesus Kristos mul'atutti isiniif dhufu irra kaa'adhaa*! 14 Akka ijoollee abboomamanii ta'aa malee, kajeellaa foonii isa bara gowwummaa keessanii duukaa hin luucca'inaa*! 15 Inni isin waame qulqulluu akkuma ta'e, isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta'aa! 16 Inni caaffata qulqullaa'aa keessatti, ?Ani qulqulluu waanan ta'eef, isinis qulqulloota ta'aa!? jedheera*. 17 Isa nama utuu wal hin caalchisin, adduma addaan akka hojii isaatti faradu sana ?Abbaa? jettanii in waammattu yoo taatan, bara itti akka ormaatti jiraattan hundumaatti isa safeeffachuutti jiraadhaa*! 18 Akka jireenya keessanii isa abboota keessan irraa isinitti darbee, isa waa'ee hin baafne sana jalaa, wanta badu waan akka meettii yookiis warqeetiin akka hin furamin, isin iyyuu in beektu*. 19 Garuu Kristos dhiiga isaa isa gati-jabeessaan, isin fureera; inni akka hoolaa mudaa yookiis xurii hin qabnee ti*. 20 Inni uumamuu biyya lafaa dura yaadaan qabame; gara dhuma barichaatti immoo isiniif jedhee mul'ifame*. 21 Karaa isaa isin immoo Waaqayyo isa du'aa isa kaasetti ulfinas kenneefitti, warra amanan taataniittu; akkasumas amantiin keessanii fi abdiin keessan Waaqayyotti jabaachuu isaa ti. 22 Isin dhugaadhaaf abboomamuu keessaniin, jireenya keessan qulleeffattanii, obboloota garaa qulqulluudhaan jaallachuu bira geessaniittu; ammas jaalala ho'aa isa garaa keessaa dhufuun wal jaalladhaa*! 23 Isin sanyii baduttii utuu hin ta'in, sanyii hin badnettii sagalee Waaqayyoo isa jiraataa fi isa akka jirutti hafuun, haaraa taatanii dhalattaniittu*. 24 Kanaaf caaffanni qulqullaa'aan, ?Namni foon uffate hundinuu akka margaa ti, ulfinni isaa hundinuus akka daraaraa margaa ti; margichi in coollaga, daraaraan isaas in harca'a*. 25 Dubbiin gooftichaa garuu, hafee bara baraan in jiraata? in jedha; dubbiin kun immoo isa misraachoo isinitti himamee dha. |
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.
Bible Society of Ethiopia