Aanlyn Bybel

- Advertensies -

1 ዮሀንስ 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Sagalee Jireenyaa

1 Waa'ee isa jalqabaa jalqabee ture, sagalee jireenyaa sanaa isiniif in caafna. Nuyi isa dhageenyeerra, ija keenyaan isa argineerra, ilaallees harka keenyaan isa qaqqabanneerra*.

2 Jireenyichi mul'ifameera*; nuyi isa argineerra, isaafis dhugaa in baana; jireenya bara baraa isa abbaa bira ture, nuttis mul'ifame kana isinitti in himna*.

3 Isinis nuu wajjin tokkummaa akka qabaattaniif, isa arginee fi isa dhageenye sana isinitti in himna; tokkummaan keenya immoo abbaadhaa wajjin, ilma isaa Yesus Kristosii wajjinis.

4 Kana hundumaas gammachuun keenya guutuu akka ta'uuf isiniif caafna*.


Waaqayyo Ifa Ta'uu Isaa

5 Waaqayyo ifa; dukkannis matumaa isa keessa hin jiru; ergaan nuyi isa irraa dhageenyee isinitti himnus isuma kana*.

6 Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabna jennee dukkana keessa yoo deddeebine, in sobna; akka dhugaa sanaattis hin jiraannu*.

7 Akka inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine, nuyi walii keenyaa wajjin tokkummaa qabna, dhiigni ilma isaa Yesus immoo cubbuu hundumaattii nu qulleessa*.

8 Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in sossobna; dhugaanis nu keessa hin jiru*.

9 Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa*.

10 Nuyi cubbuu hin hojjenne yoo jenne immoo isa sobduu in goona, dubbiin isaas nu keessa hin jiru.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies