Aanlyn Bybel

- Advertensies -

1 ቆሮንቶስ 1 - Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo


Nagaa

1 Ani Phaawulos fedha Waaqayyootiin ergamaa Kristos Yesus ta'uudhaaf kanan waamame, Sostenees obboleessaa wajjin*,

2 gara waldaa Waaqayyoo isa mandara Qorontos jiruu, gara warra karaa Kristos Yesus qulqulleeffamanii, warra iddoo garaa garaatii, maqaa Yesus Kristos gooftaa hunduma keenyaa waammatan hundumaa wajjin, qulqulloota ta'uudhaaf waamamaniitti kana caafuu koo ti*.

3 Waaqayyo abbaan keenya gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu*!


Waaqayyoon Galateeffachuu Isaa

4 Ayyaanni Waaqayyoo Kristos Yesusiin waan isiniif kennameef, ani yeroo hundumaa sababii keessaniif Waaqayyo koo nan galateeffadha*.

5 Isin waanuma dubbatan hubachiisuudhaaf ofii keessaniifis waan hundumaa hubachuudhaaf, karaa hundumaan kennaa guutuu isumaan argattaniittu*.

6 Wanti waa'ee Kristosiif dhugaa ba'ame isin gidduutti hundee godhatee jabaateera*.

7 Kanaaf lammaffaa mul'achuu gooftaa keenyaa Yesus Kristos eeggachaa utuu jirtanii, kennaa hafuuraa keessaa tokko illee isinitti hin hiratu*.

8 Guyyicha gooftaa keenya Yesus Kristos sanatti akka isin warra yakka hin qabne taataniif, gooftichi hamma dhuma barichaatti isin in cimsa*.

9 Waaqayyo, inni gara tokkummaa ilma isaa Yesus Kristos gooftaa keenyaatti isin waame, amanamaa dha*.


Amantoonni Yaadaan Akka Gargar Hin Baane Gorsuu Isaa

10 Obboloota ko, isin hundumti keessan waan dubbattanitti akka walii galtan, yaada tokkoon akeekkattanii, tokkummaadhaanis raawwachuudhaaf akka qophooftan malee, isin gidduutti gargar ba'uun akka hin jiraanne, maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin isinan gorsa*.

11 Obboloota ko, wal qoccoluun akka isin keessa jiru, namoonni aaddee Klo'ee anatti himaniiru*.

12 Qoccolloon ani jedhus isa isin keessaa kaan, ?Ani kan Phaawulos!? kaan, ?Ani kan Apholos!? kaan, ?Ani kan Keefaa ti!? kaan immoo, ?Ani kan Kristos!? jedhan jechuu koo ti*.

13 Kristostu gargar hirame moo ree? Phaawulostu isiniif jedhee fannifame moo ree? Yookiis maqaa Phaawulositti cuuphamtan moo ree?

14 Kriisphosii fi Gaayos irraa kan hafe isin keessaa nama kan biraa iyyuu bagan hin cuuphin*!

15 Egaa namni, ?Maqaa Phaawulositti cuuphamtan? isiniin jechuu hin danda'u.

16 Haa ta'u iyyuu malee, Isxifaanaasii fi maatii isaa immoo cuupheera; kanaa achi nama kan biraa kanan cuuphe hin beeku*.

17 Kristos wangeela akkan lallabuuf na erge malee, akkan cuuphuuf ana hin ergine; fannifamuun Kristos ulfina isaa akka argatuttan lallabe malee, fannoo isaa salphisuudhaaf ogummaa namaatiin hin lallabne*.


Kristos Humnaa Fi Ogummaa Waaqayyoo Ta'uu Isaa

18 Waa'ee fannifamuu Kristos dubbachuun warra karaa badiisaa irra jiraniif gowwummaa dha; nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu, inni humna Waaqayyoo ti*.

19 Caaffanni qulqullaa'aan, ?Ogummaa warra ogeessotaa nan balleessa, hubannaa warra hubatootaas lafatti nan dabala? in jedha*.

20 Egaa namni ogeessi eessatti hafa ree? Barsiisaan seeraas eessatti hafa ree? Dubbi-beekaan bara si'anaas eessatti hafa ree? Waaqayyo ogummaa biyya lafaa kanaa gowwummaa godheera mitii ree*?

21 Biyyi lafaa ogummaa ofii isaatiin Waaqayyoon isa ogummaadhaan guute beekuu dadhabnaan, gowwummaa barsiisa isa nuyi lallabnuutiin warra amanan fayyisuun Waaqayyotti tole*.

22 Yihudoonni illee milikkitoota gaafatu, Griikonni immoo ogummaa barbaadu*.

23 Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna; kun immoo warra Yihudootaatti gufuu dha, warra Yihudoota hin ta'initti immoo gowwummaa dha*.

24 Warra Waaqayyo waameef garuu Yihudootaa fi taanaan Griikotaafis taanaan, Kristos humna Waaqayyoo ti, ogummaa Waaqayyoo tis*.

25 Wanti gowwummaa Waaqayyoo fakkaatu ogummaa namaa irra in caala, wanti dadhabbii Waaqayyoo fakkaatus jabina namaa irra in caala*.

26 Obboloota ko! Isin yeroo waamamtan, namoota attamii akka taatan of irratti ilaalaa! Akka yaada namaatti baay'een keessan ogeessota miti; baay'een keessan beekamoo miti; baay'een keessanis sanyii warra gurguddaa keessaa miti*.

27 Waaqayyo garuu namoota ogeessota yeellaasisuudhaaf, waan biyyi lafaa gowwaatti lakkaa'u fo'ate; Waaqayyo warra jaboo yeellaasisuudhaaf waan biyyi lafaa dadhabaatti lakkaa'u fo'ate.

28 Waaqayyo wanta jira jedhamu lafatti dabaluudhaaf, wanta jira hin jedhamne, wanta biyya lafaatti gad deebi'aatti lakkaa'amuuf wanta tuffatamaa fo'ate*.

29 Kanaafis namni tokko illee fuula Waaqayyoo duratti of hin jajin*.

30 Kristos Yesusitti jiraachuun keessan Waaqayyo biraa ta'e; Waaqayyo Kristosin ogummaa keenya nuuf godhe. Isumaan qajeelota taanee, Waaqayyoof qulqulloofnee in furamna*.

31 Kanaafis, ?Namni of jaju gochaa gooftaatiin of haa jaju!? kan jedhu caafameera*.

(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

Bible Society of Ethiopia
Volg ons:



Advertensies