Aanlyn Bybel

- Advertensies -

Faarfannaa 1 - Hiikkaa Ammayyaa Haaraa Loqoda Dhiʼaa


Kitaaba Tokkoffaa Faarfannaa 1–41 Faarfannaa 1 Karaa Lamaan

1 Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine, yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne, yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha.

2 Garuu inni seera Waaqayyootti gammada; seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada.

3 Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabamee yeroo isaatti ija isaa kennu, kan baalli isaas hin coollagnee ti; wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf.

4 Hamoonni garuu akkana miti; isaan akka habaqii qilleensi fudhatee balleessuu ti.

5 Kanaafuu hamoonni murtii dura, yookaan cubbamoonni waldaa qajeeltotaa keessa hin dhaabatan.

6 Waaqayyo karaa qajeeltotaa ni beekaatii; karaan hamootaa garuu gara badiitti geessa.

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa

Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc.

Eeyyamaan itti fayyadamu.

Mirgi hundi addunyaa guutuu irratti kan eegamee dha.

Holy Bible, New Oromo Contemporary Version™, Western

Copyright © 2022 by Biblica, Inc.

Used with permission. All rights reserved worldwide. 

Biblica, Inc.
Volg ons:



Advertensies